Madda suuraa, Getty Images
Dubartoonni halkan guyyaa cidha isaanii guyyaa gammachuu isaaniif ta'uun osoo irra jiraatu jireenya gaa'ela isaanii kan jalaa balleesse himatan jiru.
Addunyaa kamirrattiyyu cidhi yeroo gammachuu ta'ullee sirni gaa'elaa garuu kan qoor-qalbiin namaa irratti cabu yeroo itti ta'us ni jiraata.
Biyyoota Arabaa hedduu keessatti dubartoonni yeroo heeruman durbummaa isaanii akka eeggatanii dhiyaatan irraa egama.
BBC Afaan Arabaa waa'ee dhiibbaa halkan guyyaa gaa'ilasaaniifi dhiibbaawwan hawaasummaa hedduurratti dubartoota dubbiseera. Keessattu hanqinni barnoota waa'ee saal quunamtii attamiin akka jireenya gaa'ilaasaanii hube dubbatu.
Suuraan asii gadii kunis dubartii guyyaa gaa'ilasheetti jireenyi ishee haala hindheegamneen gaddatti geeddarameedha.
Somayyaa - umurii 23
Madda suuraa, Getty Images
Somayyaan nama ofiisheetii akka abbaa warraatti itti heerumuuf filattee turte Ibraahimitti akka hinherumneef waan didaniif maatii waliin walitti bu'aa turte.
Haa ta'u malee, akkuma abjuun ishee dhugoomuuf jirutti wanti hin eegin tokko ishee mudate.
Innis guyyaa gaa'ila ishee halkan jalqabaa kan akka ''halkan seensaatti beekamu'' wal biratti dabarsaniitti, waa'ee 'dubara' ta'ushee akka shakku itti hime.
Akka barattuu Yunivarsiitii Damaasqoo, kan Sooriyaa keessaa, Somayyaan umurii 23 barnoota ishee gosa barnootaa ogbarruu afaan Arabaatiin xumuruutti dhiyaatte turte.
Haa ta'u malees, osoo xumura barnootaa ishee hin dhugomsatiin Ibraahim kan barumsashee xumuruuf eebbifamu irraa homtuu akka hindhorkine itti hime waliin walitti dhufeenya uumte jirti.
Akka gaa'ilichi gaggeeffamuuf didaan maatiisheetiin alatti, baruumsashee waan hinxummurreefi mana mataashee waan hinqabaanneef baay'ee gaddite Somayyaan.
Isheenis Ibraahim amanuun jaalalaan itti heerumte. Kan biraa hafee haadha isaa fi maatii isaa guutuu waliin jiraachuuf waadaa seentee turte.
- Masiriitti abbaan seeraa dubartii gudeeduu kakaasuun yakkamaa ta'e
Haa ta'u malee, halkan gaa'ila ishee waan hineegin ishee mudate. Abbaan warraashee haaraan ''osoo isheef yeroo hinkenniin, dirqiidhaan quunnamtii irratti raawwateen. Kanas jaalalli inni isheef qabuu karaa kanaan mirkannaa'a jedha.''
''Anis hindidne ture,'' jetti Somaayyaan ''garuu osoon ani hindidin komii narratti dhiyeesse.''
'Jaalanni battalumatti kan hurge fakkaata'
Madda suuraa, Getty Images
Jaalalli kan battalumatti hurgu fakkaata. Bifti fuulasaafi haalli itti dubbatu battalumatti geeddarame, innis waan dhiiga dhabeefu waan akka isheen dubara hintaane yaadeetti akka itti dhagahame dubbatti. Innis ''dhiigni homtuu hinjiru,' jedhe.
Dubartoonni baay'een sadarkaa garaa garaatiin ni dhiigu wayita yeroo jalqabaatiif quunnamtii saalaa raawwatan. Garuu, akka hakimoonniifi ekipartoonni jedhaniitti dhiiguun dubartoota hunda irratti hin mul'atu.
Qaamni durbummaa dubartii mullistuufi Afaan Ingiliziin 'hymen' jedhamuus baayyeefi garaagara. Tokko tokkoos wallaansaa yoo ta'e malee tole jedhee hinseenamu.
Kuun ammoo baayyee haphii waan ta'aniifu osuma dhiiga hinagarsiisiin seenama. Shamarran tokko tokkos kana malee dhalatu ykn kan kaan ammoo wayita ijoollummaa isaanitti rakkina isaan mudate wayitiin jalaa cabu danda'a.
Miira abbaa warraashee wayita ibsituus Somayyaan, ''akka waan eboon wayi laphee kiyya keessatti na waraaneetti natti dhagahame. Osoon hinbeekiin na ajjeesse.''
Isaan boodas ''gonkumaa natti dubbachuuf hin barbaadne. Anis akkan waan dagatameefi murtee eegadhuutti natti dhagahame.
Heerumaan dura garuu waan baay'ee waliin mari'anneera. Waa'ee halkan cidha keenyaa kan guyyaa gammachuu jireenya keenyaa ilaalchisunilleen haasofne turre.''
"Nutis waa'ee tokko tokko keenyaa sirriitti kan beeknu natti fakkaate ture. Garuu yoo mallattoon 'dubarummaa' mullachu didnaan waan hundu karaa foddaan kan badee natti fakkaata.''
'Ansoolaa dhiigaan makame'
Madda suuraa, Getty Images
Taateen akkasiis hawaasa ishee keessatti kan barame ta'ulleen, Soomayyaan ofiisheetiin kana kan ishee mudatu itti fakkaate hinbeektu ture.
Tarii dhiiroonni dargaggoon waan ilaalchisaanii geeddarameefi warra akkayyoofi abaabilee isaanii irraa adda ta'aniifu waan akkasii kan dhaloota ishee mudatu itti hinfakkaanne ture.
Kana biraatti ammoo kaadhiimaan ishee nama barate, nama qajeelaafi yunivarsitiitti kan barate waan ta'eef rakkina akkasii yaadeetu hinbeektu ture.
Garuu guyyaa lammataa gaa'ila isaaniitti akka waa'ee durbummaashee mirkanneessuuf doktora bira dhaqu akka qaban gaafatuun baayyee naate.
Dubartootaaf durbumman qabaachu sakkata'uun gocha aadaa durii ture. Akkasumas malli fi meeshaan ittiin durbummaan sakkata'amu hawaasaa gara hawaasaatti adda adda ta'u mala.
Maatii baayyee dubbi harbeessu biratti, 'maarabii dhiigaa' aragsiisuun durbummaa intalaa faarsuun nkan barameedha. Akkasumas sirna addaa bakka itti qophaa'us ni jiraata.
Gama biraatiin ammoo haala wallaansaafi haala namtolchee ta'een kan mallattoo dubarummaa kan ta'e 'hymen' deebiifame itti tolfamu jira.
garuu ammoo dubartoonni akka Roozaanaa sababiidhuma kanaatiin maqaa kanajaatiin haalli du'aaf itti saaxilaman jira.
'Quunnamtii raawwachu akka waan badaatti'
Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa lamataatti wayita hakiima gadaamessaa bira dhaqaniitti, Somayyaa umamaan hymen ishee baayyee furdaa waan ta'eef yoo karaa gadaameessatiin yoo desse qofaa akka baqaquu danda'u itti himame.
Abbaan warraashee afuura boqonnaa baafachuun kolfi fuulasaarratti mullate. Garuu kun baayyee tureera waan ta'eef, Somaayaan sammushee qopheessite waan amma danda'ameefiin dafte adda bahuuf murteessite jirti.
Alkan sana booda ilaalchiin annisaaf qabu akkamiin akka geeddarame akkan itti ibsu hinqabu, jetti miirashe wayita ibsitu. ''Kanaafu isaannbooda isa waliin jiraachuuf yaaduun natti olfaate. Eenyummaa kiyyaa foonii xiqqashuu gadameessa kiyya keessaatiin wal qixxeessu isaatiif keessa kiyyatu cabe,'' jetti.
Ergasii kaasees, mirrii Somayyaa baayyee gadi bu'e. Namoota ishee gaaffachuuf dhufan baqachuun eessayyuu baahu dhiifte.
Waanti hundinu alkanuma guyyaa sanaa waan deemeef kana booda isa waliin jiraachu hinbarbaadu kan jettu Somayyaan, wayitan isa waliin wayitan quunnamtii saalaa raawwadhuuttis akkan waan badaatti iaaluun eegale jetti.
Gorsa alakan cidhaa
Somayyaan hawaasa ishee keessatti seenaa addaa qabdi. Seenaa kan ishee kanas kan fakkaatu kan qaban mana kessatti ukkaamfamanii jirani hedduutu jiru.
Rakkoon dhimmoot akkasii ifatti mariyachuu dhiisuu kun ammoo isaanirra darbee hanga ijoolleetti darbuun miidhaa uuma.
Ogeetiin qoor-qalbii Amaal al-Hamii turtii BBC waliin taasisteen waa'ee halkan gaafa gaa'ela ishee mudate dubbatti. Muuxannoofi barumsa qabduunis, namoota gaa'ela dhaabbachuudhaaf deemanis rakkoo osoo hin eegiin erga gaa'ela keessa seenanii isaan mudachuu malu akkamiin akka dandamachuu qabanirrattis ni gorsiti.
Akka ogeettiin kun jettutti osoo gaa'elaaf guyyaa cidha isaanii walitti hin dhufiin dura gorsa argachuu qabu. Aanaa ifatti waliin mariyachuufi wal dhaggeeffachuu, akkasumas itillee irratti fedha waliin waliif baruun murteessaadha jetti.
"Alkan gaafa cidhaaf sammuu isaanii of qopheessuu qabu. Kana ammoo odeeffannoo barbaachisaa kan dhimma dhuunfaadha jedhamellee, fedhaafi waan waltti dhufeenya keessatti itti gammadan osoo hin dhoksiin walitti himuun barbaachisaadha.
Yeroo durbummaan fudhatamutti akka miidhaa umurii guutuu hin uumnetti of eeggachuu barbaachisa. Akkas gochuudhaan halkan gaafa cidhaa kan dhukkubbiin yaadatamu caalaa kan gammachuudhaan yaadatamu gochuun ni danda'ama."
Madda suuraa, Getty Images
BBC'n dhiirota 20 guyyaa jalqabaa yeroo dubartii qunnaman "yoo mallattoo durbummaa dhabuu isaan mudate" akkamiin keessummeessuu qabu kan jedhu gaafatee ture.
Dhiironni kunneen umuriin isaanii waggaa 20fi 45 yoo ta'an ogummwwan akka barsiisummaa, akaadaamiifi doktora waan ta'anii namoota dhimma kana irratti "bilisaan ni dubbatu" jedhamanii amanamanidha.
Deebiin isaan kennan gara caalaan isaa kallattiinis ta'e kallattiitiin ala qajeelaa iti ykn gegatiiviidha.
Namoonni kunneen garri caalaan akka durbummaa qabdu mirkaneeffachuuf "dhiigni jiraachuu qaba" jedhan.
Kun ammo hangama akka isheen amanamtuu taateefi jireenya gara fuula duraafis amanamtuu akka ishee ta'uu dandeessuuf agarsiiftuudha jedhanii amanu.
Madda suuraa, Getty Images
Ji'oota muraasa booda, Somayyaan abbaa manaa ishee waliin wal hiikuu qabna jechuun gaaffii dhiyeessite. Murtee gaa'ela diiguu fedhuu ishee kanas kan keessa hin deebine akka ture dubbatti.
Sabababiin isaas, isa waliin yoo jiraattee lubbuu isheetiif akka sodaattutti yaaddi. Erga halkan guyyaa cidhaa sodaachisaafi dhukkubsaa waliin dabarsite jalalliifi garaa laafuun keessoo kootti hin hafne jetti.
Abbaan manaa ishee kun garuu hedduu rifachuun akka gaa'ela isaa hin diigneefi waan gochuu qabu gaafate.
"Hawwaasni kenya bifa lama qaba. Yeroo dhiironni saalqunnamtiirratti akka garaa isaa namatti fayyadamu ni jajama, ciminaanis faarfama. Yoo dubartootaaf ta'e garuu, amalli akkasii akka hawwaasa keessaa baatu ishee taasisa. Kanarra darbeeyyu yerooo tokko tokko hanga adabamuuttillee ni geessisa."
"Abbaan manaa koos nama akkasiidha. Hiriyyoota isaa biratti waa'ee seenaa saal-qunnamtii irratti qabu ni dhaadata, of jajata. Ani garuu yoon waanuma xiqqoo akka qoosaatiin dubbadhe garuu haariitiin lafa qala," jetti Somayyaan.
Erga maatiin ishee akka isheen gaa'ela ishee diiguu hin qabneef dhorkanii booda, Somayyaan Waxabajji darbe Sooriyaa gadi dhiistee Awurooppatti baqatte.
Madda suuraa, Getty Images
Rozaanaan ammoo kaadhimaa ishee waggoota shaniif waliin turterraa maaliif akka adda baate dubbatte.
"Ani isa nan amana sirriittis nan jaalladha. Yeroo walqunnamnu keessatti, inni anaan akka saalqunnamtiif na barbaadutti na dhiyeessa.
Ani egaa akkuman haadha warraa isaa ta'ettan ilaalan ture. Garuu yeroo hedduu osoo addaan hin kutiin waan na gaafatuuf guyyaa tokko dabarseen isatti of kenne.
Ji'a ja'aan booda, garuu maatiin isheefi maatiin kaadhimaashee kun waldhabdee guddaa keesa seenan. Erga isaan lamaan waldhiisanii ammoo balaa guddaatu uumame.
"Hawwaasa keenya keessatti, dubartiin tokko durbummaa yoo hin qabaanne, adabbiin dhufaa darbaa jira kan irratti falmiin hin gaggeeffamnedha. Yeroo tokko tokko hanga "lubbuun darbuu danda'utti" geessisuu danda'a jetti.
- Biyya Arabaa 'qoricha fedhii saalqunnamtii dubrtii cimsutti' deebiyaa jirtu
- Umurii kamitti wal qunnamtii saalaa jalqabuutu gaariidha?
"Akka carraa ta'ee garuu hiriyyaan koo tokko kan na gargaarte turte. Akka ani gara mana wallaansa baqaqasanii hodhuu naannootti argamuu tokkoo deemee durbummaa Chaayinaan omishtuun bakka buufadhu na gorsite.
Osoon mala wallaansa baqaqasanii hodhuu kanaan hin falanne ta'ee silaa yoona du'eera."
Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota Arabaafi Musliimaa hedduu keessatti, dubatoonni baayyeenb osoo hin eerumiin dura qorannoo durbummaa taasisuu qabu. Qorannoo kanaan boodas, dubartiin eerumaaf qophoofte waraqaa ragaa akka durbummaa qabdu mirkaneessutu kennamaaf.
Dhaabbanni mirgoota namoomaa Huuman Raayitis waach jedhamu gocha "qorannoo durbummaa" dhukkubbii hamaa qabu kana gaggeessuu biyya Indoneeshiyaafi biyyoota Arabaa biroo keessatti taasifamu ni balaalleffata.
Dubartoonni umuriin isaanii bubbuleeru yeroo baayyee qorannoo durbummaa dubartootarratti gaggeessu. Qorannoo kanas kan gaggeessan quba isaanii lama qaama walhormaataa dubartootaa keessa galchuudhaan durbummaan akka jiruufi hin jirre sakatta'u.
Akka qorannoo BBC'n gaggeessetti biyyoonni akka Indiyaa, Afgaanistaan, Baangiladish, Iraan, Masirii, Jordaan, Liibiyaa, Morookoofi biyyoonni Arabaa biroon akkasumas Afrikaan Kibbaa qorannoo durbummaa taasisuudhaan durarra jiru.